Madrasaa Abuubakar nairobi kenya

Call Website

Madrasaa Abuubakar nairobi kenya Darsiilee Adda Addaa argachuu yoo feetan page Kheenya Khana Like Follow godhuuun nu Hordofaa

14/07/2026
24/04/2026

๐Ÿ’๐Ÿ’๐Ÿ’Dubartoota ๐Ÿ’๐Ÿ’๐Ÿ’yeroo ammaa kana seenaa dalagaa jiran
๐Ÿ’๐Ÿ’๐Ÿ’Garee Sadaqatul Jaariyaa ๐Ÿ’๐Ÿ’๐Ÿ’Dubartoota ๐Ÿ’๐Ÿ’๐Ÿ’Gaaddisa Islaamaa๐Ÿ’๐Ÿ’๐Ÿ’ Markaza Ummu Salamaa ๐Ÿ’๐Ÿ’๐Ÿ’ja'amu Miidhaaga Tolaatti๐Ÿ’๐Ÿ’๐Ÿ’ jaaruutti jiran Namnii Rabbiin laafiseef kheyrii tanarratti hirmaadhaa๐Ÿ’๐Ÿ’๐Ÿ’Dagaagaa firaawaa mullaadhaa Rabbiin isinirraa haajalatu ๐ŸŒน

05/02/2025

Welcome To Minnesota

Assalaamuโ€™aleykum Warahmatullahi Wabarakaatuh

Oduu Gammachiisaa Hawaasa Kheenya Kan Minnesota Jiraatu Maraaf!

Ustaazni Keenya Ustaaz Abdurahiim Saanii Kan Biyya Keeniyaa Keessatti Hawaasa Kheenya Khaddamaa Ture Yeroo Xiqqo Dura Biyya America, Minnesota Dhufuun Isaa Ni Yaadatama. Hawaasni Keenya Kan Minnesota Jiraatu Sagantaa Simannaa Bareedduu Tan Mata Dureen Isii ! jettu Qopheessanii Isin Eegaa Jiran.

Sagantaa Tanarratti Keessummoonni Adda Addaa Akkasuma Sheekkonni Keenya Irratti Ni Argaman.

Xiqqaaf Guddaan Dhiiraaf Dhalaan Sagantaan Tanarraa Akkan Hafne Khabajaa fi Jaalalaan Isin Afeerra.

๐Ÿ“245 W LAFAYETTE FRNOTAGE RD
SAINT PAUL, MN 55107
UNITED STATES ๐Ÿ‡บ๐Ÿ‡ธ

For More Info: +1 (612) 441-9168

An_Haa_Dhufuu!

Gaaddisa Islaamaa fuldurrii ifa Minnesota bulchuun ammaa
24/01/2025

Gaaddisa Islaamaa fuldurrii ifa Minnesota bulchuun ammaa

03/12/2024

Barruu tana sirrtti dubbisaa waliif godhaa, Beekkomsa guddaa irraa fudhattanii.

Ammaas an moo keessattiin ramadamaa of ilaaluu, yokaa Mallattoo Gowwaa keessaa meeqa akka qabdan keessatti of ilaaluu ni dandeessan.

Dhiifama ani nama tokkolleen ati gowwaadha jachuu kiyyaa miti. Naaf hubadhaa! Rabbiin gowwa isin hin taasisin.
โœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธ

Dhiira Aqlitti haasawan, Dubartii Qalbitti haasawan, Gowwaa gurratti Haasawan.
๐Ÿ“ข๐Ÿ“ข๐Ÿ“ข๐Ÿ“ข๐Ÿ“ข๐Ÿ“ข๐Ÿ“ข๐Ÿ“ข๐Ÿ“ข๐Ÿ“ข๐Ÿ“ข๐Ÿ“ข๐Ÿ“ข๐Ÿ“ข๐Ÿ“ข๐Ÿ“ข๐Ÿ“ข

Gowwummaan dhalootaani, dubbisuu fii barreessuun yokaa baratuun gowwummaa keessaa hin bayan.
Gowwummaan gosa maraatuuti.
Dhukkubaatu wallaanama malee
Gowwummaan hin wallaanamtu.๐Ÿ™ˆ

Gowwaan Arraba isaatii fii waa hubatuu
dhabuu isaatiinuu ni beekkama.๐Ÿ—ฃ๏ธ

yokiin
keessaa Muraasa:โœ๏ธ

Haala hammaatuu, Jarjaruu, Of jajuu, Hedduu dhaaddatuu, Nama tuffatuu, Dubbii guddatuu,

Dafee nama jaalatuu, Dafee nama jibbuu,
Dafee Aaruu, of malee Nama amanuu dhabuu,

Hisaabaa bahuu, Shalaggii malee hojjatuu, Herrega malee dubbatuu, Deebisaa keessatti jarjaruu,

Adawwiifii Hiriyoota isaa adda baafatuu dhabuu,
Irra Aaqila yokaa irra Hayyuu Namaa of sehuu,
Nama isa caalu arrabsuu,
yaaduma isaa dhufe hunda dubbatuu, waan Nama saalfachiisu hojjatee, dirqama kiyya jachuu ; Dogongora isaa fudhatuu dhabuu, Marii fudhatuu dhabuu, Yaada isaa Dogongora tahuus jijjiiruu dhabuu, Dogongora Namaa malee kan isaa arguu dhabuu,

Yoo obsiteef siif wallaaluu, yoo hujii wallaalaa irratti hojjatte siif obsuu;
yoo tola itti Oolte simiidhuu, yoo miite tola sitti ooluu; Yoo itti haasofte sikijibsiisuu, yeroo sitti haasawu sitti kijibuu;
Yoo sossobde si'arrabsuu, yoo mormiteen
si rakkisuu, yoo walii galteen haqa irraa
simaysuu.


keessaa muraasa:

Gowwaan Obsa xiqqaata,Aaqilli obsa guddata;
Gowwaan Adawwii heddummaata, Aaqilli waahila heddummaata;

Gowwaan Hayyuu uf seha, Hayyuun gaowwaa uf seha;
Gowwaan dubbatutti yaaddawa, Hayyuun yokaa Aaqilli Akkaataa itti dubbatutti yaaddawa;

Gowwaan waan beeku hunda dubbata, Aaqilla waan dubbatu beeka;
Aaqilli waan hubate dubbata, Gowwaan waan dhagahe dubbata;
Gowwaan Eega dubbatee itti yaada, Aaqilli Eega itti yaadee dubbata;

Gowwaan diiguudha beeka, Aaqilli ijaaruudha beeka;
Gowwaan Amala hammaata, Aaqilli Amala tola;

Aaqilli yoo gaarii yaaddeef si kabaja, Gowwaan yoo Gaarii yaaddef si jibba;
Aaqilli Haga sammuun isaatiifii ijji isaa dhaqqabdu yaada yokaa ilaala, Gowwaan miila isaa jidduu ilaala;
Arrabni Aaqilaa qalbii isaa keessa jira, Qalbiin gowwaa afaan isaa keessa jira;

Gowwaan muka goggogaadha, Aaqilli muka jiidhaadha.

:
Ilmi Nama gosa Afur qaba : 1/ Beekaa Beekuu isaa of Beeku, Inni beekaadhaa irraa baradhaa;
2/ Beekaa Beekuu isaa of hin beekne, inni Nama namummaa qabuu of yaadachiisaa;
3/ Wallaalaa wallaalaa tahuu isaa of beeku,
Inni wallaalaadhaa barsiisaa;
4/ Wallaalaa wallaalaa tahuu of hin beekne, inni Gowwaadhaa irraa fagaadhaa.

Nama Gowwaa wajjiin wal mormu, isaan lamaan keessaa Eenyuutu gowwaadhaa addaan baasuun Namatti ulfaata.
Gowwaa saahibuun, wajji haasawuun, itti kannuufii irraa fuudhuuniis rakkoodha.
Gowwaaf deebisaa kannuurra irrumaa callisuudhaatu furmaatama.
"Gowwaan us jachuun, daranuu haasowsiisuudha".
"Gowwaan hamaan kan hinaaffaa qabuudha, Gowwaan Hinaaffaa qabu, Billawa qaraan sitti darbameedha";

Ollaa gowwaa yoo Rabbiin si mude biraa godaanuun, yoo Rabbiin Saahiba si godhe
Saahibummaa isaa of irraa dhiisuun, Yoo
Nama wajji hojjattu taate of irraa dhiisuun,
baayyee gaariidha.

Afaan :
"Gowwaan waa lama keessaa takkuma beeka suniis: akkuma inni jadhe tahuu qofa beeka";
"Gowwaan Afaan ballata, Aaqilli Gurra ballata";
"Gowwaan waan nyaatu malee waan isa nyaatu hin beeku";
"Gowwaafii Qalamni waan qabe gad hin dhiisu";
"Gowwaan Firan qabu, Firri isaa Fadhii isaati";
Gowwaan hin dhalatin, dhaltuus hin guddatin;
barreessan Jamaal aliyyii abdullah
barressaan Jamaal Aliyyii Abdullah
barruu tana bara dheengaddatiin barreesse.

Address

Nairobi

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Madrasaa Abuubakar nairobi kenya posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share